Goota mararaa
GOOTA MARARAA
Mee ka'een faarsaa tarreessa maqaa kee dhayeen kakaasa.
Silaa faarfadhees hin quufu geerareenimmoo odeessa
Yesuus yaa abbaa dhugaa koo situ anaaf ta'e nagaa koo
Diinni goolii natti kaasee yemmuttiinni obomboleesse situ harkaa dhayee balleesse
Bitaa fi mirga koo ilaalee mukan qabadhus walalle
Yemmuu gogaan koo na gube yaaddoonii fi yaanni na hube
Alagaa fi firri na jibbe
Situ anaaf ta'e nagaa koo sirkatti hin banne maqaan koo
Galatoomi(4x)
Si taasuun lubbuun jiraadhe
kabajoomi kabajoomi
Lubbuu tokkittii kan gatii koof laate
Si qofa Yesuus kan ba'aa koo baate
Ani hin hafu lakkii galfata kee nyaadhee
Nan dhufe kunoo galata kee baadhee
Kunoo galata kee galata(2x)
Hoo galata keetii
Kunoo ilillisee galata
Hoo galata keeti
Kunoo galata kee galata
1,Daawwituu sirbe qullaa buuse
Waaqessuun Milkoo maaliif aarse
Kan danuun ta'eef hedduu faarsa
Dhibaa'aaf hin ta'u iddoon aarsaa
Ulfinni siif yoomuu kan keeti
Galatni siif aarsamu ganzaba keeti
Naaf xumurteetta kan galte qaalii
Lafa dhidhiitee ililche yoon sirbe maali
Siif ani humna koo hin qusadhu.
Irraa dhoksee hin hambifadhu
Kan akka kees hin argadhu
Yesuus koo goota mararaa
Si'i abbaan barabaraa
Situ na oolfate dararrii
Na qaqqabde lafa barii
Isan dhabe halkan waarii
Harka na guutte eebba eebba
Siif ammayyuu jechaan dhaba
Namnuu nama duutee baddu saadee ol kakaasa
Jaalleewwanii fi goototasaa faarsee lafa raasa
Maal yoon jaje gooticha anaaf dhiiga dhangalaase
Golgotatti golgoleesse diina conqolaase
Diina conqolaasee
Diina conqolaasee
Diina conqolaasee
Diina conqolaasee
2, Dadhabaa bakka kakuun geeche
Gammadde garaan koo isheen booche
Darbuun koo jabina koon miti
Milkoominni koo Yesuus kooti
Ulfinni siif yoomuu kan keeti
Galatni siif aarsamu ganzaba keeti
Naaf xumurteetta kan galte qaalii
Lafa dhidhiitee ililchee yoon sirbe maali
Nama taatee natti dhiyaatte
Gadi jettee na fayyiftee
Du'a jalaa na hambifte
Fannoon kee naaf gamnummaa
Biyya lafaaf gowwummaa
Eenyutu deegaaf wabii darba
Utuu sin taanee yaa abbaa
Hunduu mataa raasee darba
Natti gorte galata kee
Na guddifteetta dhala kee
Namnuu nama duutee badde saadee ol kakaasa
Jaalleewwanii fi goototasaa faarsee lafa raasa
Maal yoon jaje gooticha anaaf dhiiga dhangalaase
Golgotatti golgoleesse diina dhangalaase
![](https://i.ytimg.com/vi/5obpxoYpCnk/mqdefault.jpg)