↪️Yadesa shirii Faarfannaa afaan oromoo #Ajjesee_jajamaa_obbolleessii_hadhoo-isa
↪️#Afan_oromo_gospel_songs
↪️Dhignii obbolesaa Kee sii gafataa akka malee hin dhangalasiin Yaa obbolesaa Koo faarsaa Kun essaa akkaa jirtuu sitti himaa yadaa Kee hundumaa Mee garaa isatti qabii dhagefadhuu ✍️
↪️ Har'aas biyyaa keenya keessati waantoota akkas meeqatuu ta'aa jiraa Mee irraa hubbadhaa hundumtuu keessan 🖤❤️🤍
↪️↪️Uma. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Addaam, Hewwaan haadha manaa isaa bira ga'e; isheenis ulfooftee ilma Qaayin jedhamu deessee, "Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera" jette;
² itti dabaltees obboleessa isaa Abeelin deesse; Abeel tiksituu hoolaa ta'e, Qaayin garuu qottuu ta'e.
³ Guyyaa baay'ee booddee Qaayin wanta lafa irraa galfate irraa Waaqayyoof kennaa dhi'eesse;
⁴ Abeelis immoo hoolota isaa keessaa warra dura dhalatan qalee cooma isaanii aarsaa dhi'eesse; Waaqayyo gara Abeelii fi gara qalma isaa faara tolaadhaan in ilaale.
⁵ Gara Qaayinii fi gara kennaa isaa garuu faara tolaadhaan hin ilaalle; kana irratti Qaayin aaree boba'ee, mataa buuse.
⁶ Waaqayyo yommus Qaayiniin, "Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte?
⁷ Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo ta'e garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!" jedhe.
⁸ Qaayin obboleessa isaa Abeelii wajjin in dubbate; erga gara bakkeetti ba'aniis Qaayin obboleessa isaa Abeel irratti ka'ee isa ajjeese.
⁹ Waaqayyo yommus, "Abeel obboleessi kee eessa jira?" jedhee Qaayinin gaafate; inni immoo deebisee, "Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?" jedhe.
¹⁰ Kana irratti Waaqayyo, "Wanti ati goote kun maali? Dhiigni obboleessaa keetii lafaa natti in iyyata.
¹¹ Ammas ati abaaramaa dha! Lafa isa dhiiga obboleessaa keetii afaan banee akka dhugu goote sana irraa in ari'atamta.
¹² Lafa yeroo qottu deebi'ee midhaan siif hin baasu; biyya lafaa irrattis nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes in taata" jedhe.
¹³ Qaayin deebisee Waaqayyoon, "Adabamuun koo isa ani baachuu danda'u gararraa ta'e.
¹⁴ Kunoo, ati har'a lafa maasii koo irraa na ariiteetta, fuula kee duraas dhokachuun na irra jira; ani lafa irratti nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes nan ta'a; namni na arge hundinuus ana in ajjeesa" jedhe.
¹⁵ Kana irratti Waaqayyo, "Akkas miti, nama Qaayinin ajjeese irraa gumaan dachaa torbaa in barbaadama!" jedheen; kana booddee Waaqayyo, namni Qaayinin arge rukutee akka hin ajjeefneef, milikkita itti godhe.
¹⁶ Qaayinis fuula Waaqayyoo duraa ba'ee, Eeden gara ba'a-biiftuu biyya itti jooraa hafetti gale.✍️
↪️↪️↪️↪️↪️
@yadesashiriofficial1379
[ Ссылка ]
for this channel songs I bring on my channe
↪️ hundumaa argatuu
↪️Faarfannaa afaan oromoo kan durrif ↪️ammaa argachuuf Channel kana subscribe godha nuu jajabesaa asirati dhimaa amantaa qofaa Argatuu
↪️far Yadesa Shiri Faarfannaa afaan oromoo
ajjeesee jajamaa obbolesii hadhoo isaa
↪️Faarfannaa qalbii jijiranaa
↪️Faarfannaa galaata
↪️Faarfannaa afaan oromoo
↪️Faarfannaa afaan amarifaa
↪️sagalee waaqayyoo
↪️waalaloo afaan oromoo
↪️waalaloo afaan amarifaa
↪️dirama afaan oromoo
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
↪️wantoota heduu argachuuf Channel kana subscribe godha nuu hordofaa
shaloom
↪️↪️↪️gods blessed 🙏 all my friends
Ещё видео!