Ispoortiin Tekwaandoon jalqabbiin isaa kooriyaa yoo ta’u, erga eegalamee waggaa 2000 ol ta'uu ragaaleen nu mul'isu ,tekwandon jecha koriyaa sadi tee- kuwaan- fi doo jedhu irraa dhufe.hiikni isaas tee jechuun miilaa,kuwaan-harka yoo tahu doon ogummaa jechuudha, Teekwandoon ogummaa harkaa fi miilaati.
ispoortiin teekwandoo kooriyaa keessatti haa eegalu malee amma addunyaa guutuutti babal'ateera,ispoortii olompiikiis taheera.
ityoophiyaa keessattis Federeeshiniin world tekwando waggaa 50 dura bara 1966 lammii kooriyaa kibbaa chooyi hong Hii nama jedhamuun hundaa'e.
Achi booda babal'achaa deemuun amma gosa ispoortii jaalatamaa fi iddooo hundatti gagggeefamu ta'eera.
Ispoortii Mijuu keenyaa har'aattiin bu'aa ba'ii leenjisaa garee biyyaallessa teekwaaandoo mastar lammeessaa biruuk irratti xiyyeeffanna.
ijjoolummaa irraa kaasee Jaalala ispoortii teekwaandoo akka qabu Master lammeessaa biruuk ni dubbata,
Imalli Ispoortii teekwandoo barachuu hamma sadarkaa kanaatti gahuuf taasise salphaa hin turre ka jedhu mastar lammeessaan ,gufuuwwan isa muudataniif harka hin kennine kutannoo fi cichoominaan as gahe jedha.
Tekwaandon anaaf jireenya,waan heddu ittiin argadheera jedha master lammeessaa biruuk .
Barattoonni isaa taphattoonni garee biyyaleessaa cimina mastar lammeessaa akkasitti raga bahu.
Itti gaafatamaan waajira federeeshinii world teekwandoo ityoophiyaa obbo fikruu taquwaam waa’ee mastar lammeessaa akkas jedhu.
Leenjisaa fi abbaa murtee internashinaalaa Mastar lammeessaa biruuk Muudannoo isaa nuu qoodeera.
Biyya leenjisuun imaanaa guddaadha ka jedhu maastar lammeessan teekwandoo ityoophiyaa guddisuuf mul'ata guddaa qabaachuu dubbata.
![](https://i.ytimg.com/vi/nFzILCcMemI/maxresdefault.jpg)