Faayidaafi maqaa gaarii biyyakoo eegsisuuf hojii hojjetaa jiruuf Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad na galateeffachuun hojii caaluuf haamlee natti hore jedhan, imaamni Faawundeeshinii Nagaafi Abbaan qabeenyaafi hoogganaan Miidiyaa 'King of Abbay' Ustaaz Jamaal Bashir.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad waltajjii Dhaabbilee miidiyaa, walooma uummataa, nagaafi misooma biyyasaaniif cochoominaan hojjetaniif beekamtii kennamerratti argamuun ergaa dabarsaniin Ustaaz Jamaaliin Goota faayidaa tokko malee biyyasaaf dhaabate hechuun jajuun galateeffatanii turan.
Uztaaz Jamaal dhimma kana ilaalchisuun turtii OBN waliin zoomiin taasisaniin Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad waan hojjetaa jirruuf galata nuuf dhiheessuun sagantaa keenya hordofaa akka jiran naaf mirkaneessaniiru, kunis kabajaa. faayidaafi maqaa gaarii biyya koo daraan hojjedhee ijaaruuf haamlee natti horeera jedhan.
Miidiyaaf beekamtii kennuunis kanneen hojii gaariirra jiran akka ciman kaanis garana akka dhufaniif gumaacha olaanaa qaba jedhan.
Miidiyaanis fedhiifi faayidaa biyyasaa dursuun hojjechuu akka qabu dhaaman.
Aadaan mariin dhibdee furuu akka cimuuf miidiyaan hojjechuu akka qabus himan.
Dhimma keessoo biyya ofii mariin furuun danda'amu alagaaf karaa qaawwa banuufi garaa gahuun hojjechuun aadaa boodatti hafaa waan ta'eef namoonni gocha akkasii irratti hirmaatan akka of qusatanan gorsa jedhan.
Yeroo keenyas waan uummataafi biyya keenya fayyaduuf oolchuu qabnaas dhaamaniiru. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.
Ещё видео!